Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan shanan darban hojii dhabdoota kuma 700 oliif carraan hojii yeroo fi dhaabbii Uumame – BCHUOO

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Baatiiwwan shanan darban hojii keessa dhabdoota kuma 700 oliif carraan hojii yeroo fi dhaabbii Uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksiiseera.

Bara 2015 keessa hojii dhabdoota miliyoon 2.5’f carraa hojii dhaabbii fi yeroon uumuuf hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Biirichi gamaggama raawwii baatiiwwan shanan darbanii fi sosochii intarpiriinarshiippii Magaalaa Jimmaatti gaggeessaa jira.

Waltajjii kana irratti Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Magaalota Oromiyaa obbo Masfin Malaakuu, Hoogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa obbo Maatiyoos Sabbooqaa dabalatee hoggantoonni mana hojichaa sadarkaan jiran akkasumas hoggantoonni Giddu gala Leenjiifi Teeknikaa argamaniiru.

Hogganaan Biirichaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa kaayyoon waltajjichaa inni guddaan dhaloota hojiif qophii ta’e uumuun hojii dhabdummaa rakkoo siyaasaa, nageenyaafi hawaas-diinagdee ta’e bu’uura irraa furuufi muuxannoo carraa hojii uumuu Magaalaafi Godina Jimmaatti argame waljijjiiruuu ta’uu himaniiru.

Biirichi ergama isaa ba’achuuf dhaloota hojii jaallatuu fi jijjiiramaaf qophii ta’e uumuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjataa akka jirus himaniiru.

Biirichi bara 2015 keessatti hojii dhabdoota miiliyoona 2.5’f carraa hojii dhaabbiifi yeroon uumuuf karoorfatee hojjetaa kan jiru yoo ta’u baatii shanan darban keessatti hojii dhabdoota kuma 700 oliif carraan hojii yeroo fi dhaabbii dameewwan dinagdee manufaakchariingii, qonnaa, tajaajilaa fi daldala irratti akka uumamuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.