Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti barattoonni miiliyoonni 26 ol barachaa jiru- Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Ityoophiyaatti barattoonni sadarkaa idileen duraa hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 26 ol barachaa jiraachuu  Ministeerri Barnootaa beeksise.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Yuunivarsiitii Kaambiriiji waliin ta’uun jijjiiramoota sirna barnootaa Ityoophiyaa bara faranjootaa 2017-2022 taasifaman irratti qorannoo gaggeessuu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Maandafroon, qulqullina barnootaa fiduuf jijjiiramoota sirna barnootaarratti taasifamaa jiran  waltajjii bu’aa qorannichaa dhiyeessuuf qophaa’erratti argamuun  eeraniiru.

Hojii waliin ga’iinsa barnootaarratti hojjetameen yeroo ammaa sadarkaa idileen duraarraa eegalee hanga kutaa 12ffaatti barattoonni miiliyoonni 26fi kumni dhibbi 5 barumsa barachaa jiraachuu kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun baay’inni barsiisotaa kuma dhibba 7 ol ta’uufi manneen barnootaa kumni 43 tajaajila baruufi barsiisuu kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa baay’ina lakkoofsa barattootaa, barsiisotaafi manneen barnootaa waliin walgitu fiduuf hojii bal’aa kan gaafatu ta’uu eeruun, hundi gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.