Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti misooma qamadii jallisiin lafti heektaarri kumni 675 sanyiin uwwifameera-Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 6, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti misooma qamadii jallisiin hanga ammaatti lafti heektaarri kumni dhibbi 6fi kumni 75 sanyiin uwwifamuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaan I bsan.

Naannichatti misooma qamadii boneen lafa heektaara miiliyoona 1 misoomsuuf karoorfatamee hanga ammaatti lafti heektaarri kumni dhibbi 6 fi kumni 75 sanyiin uwwifamuu  obbo Shimmallis ibsaniiru.

Obbo Shimallis ergaa gama Tiwiitara isaaniin dabarsaniin, oomisha qamadii biyyattii alaa galchitu kan biyya keessaan bakka buusuurra darbee gabaa alaaf dhiyeessuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Karooricha dhugoomsuuf ga’een qonnaan bultootaafi bakka bu’oonni misoomaa olaanaa ta’uu kaasuun, hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.