Fana: At a Speed of Life!

Yakka ajjeechaa fi miidhaa kan geessisan du’aa fi hidhaa umrii guutuun adabaman

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Manni Murtii Olaanaa Godina Koonsoo boombiin yakka lammiilee nagaa ajjeessuu fi miidhaa geessissuun kan himataman du’aa fi hidhaa cimaa umrii guutuun adabe.

Himatamtoonni adabaman kunneen Aanaa Sagan Magaalaa Saganitti mana nyaataa tokkorrattii boombii darbachuun yakkaa ajjeechaa fi miidhaa namootarraan ga’uu akkasumas qabeenyaa barbadeessuu raawwachuu ibsameera.

Manni murtii olaanaa Godinichaa himatamaa 1ffaa hidhaa cimaa waggaa 24 fi himatamaa 2ffaa fi 3ffaarratti adabbii du’aa murteessuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.