Fana: At a Speed of Life!

Invastimantiin alaa akka cimuuf hojjetamaa jira-Kom. Lalisee Namee

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Dhiibbaa weerara vaayiraasii Koronaa fi walitti bu’iinsa uumameen kan duubatti harkifate Invastimantii alaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Komishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee dubbatan.

Koomishinichi dhaabbilee tumsitoota misoomaa waliin mari’ateera.

Waltajjichaarratti Komishinara Laliseen, Ityoophiyaan qormaata keessattis filamaata invastimantii alaa ta’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan damee Qonnaa, Tuuriizimii, Teeknoolojii Qunnamtii Odeeffannoon invastimantii alaa guddisuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Baranas Afrikaa keessaa giddugalaa invastimantii filatamtuu 3ffaa ta’uun invastimantii alaa Doolaara biiliyoona 6.15 hawwachuuf karoorfameera jedhan.

Karooricha milkeessuuf kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu, haalota mijatoo uumuu, hojiilee leenjii humna namaa gaggeessuuf xiyyeeffatameera jedhan.

Afwarqi Iyyaayyuu fi Saamu’eel Warqinaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.