Fana: At a Speed of Life!

Liyoonel Meesiin taphni xumuraa waancaa addunyaa baranaa isaaf tapha xumuraa ta’uu dubbate

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC)- Liyoonel Meesiin taphni xumuraa Waancaa Addunyaa 22ffaa baranaa isaaf tapha Waancaa Addunyaa xumuraa ta’uu dubbate.

Urjiin duraanii Baarseloonaa biyya isaa Arjantiinaaf yeroo 171 taphate, gooliiwwan 96 lakkoofsiseera.

Tapha Waancaa Addunyaan goolii 9ffaa lakkoofsisuun galmee urjii duraanii Arjantiinaa Diyaagoo Maaradoonaa fooyyessuu kan danda’e Meesiin, Dilbata dhufu tapha xumuraa Waancaa Addunyaa 22ffaan yeroo 172ffaa kan taphatuudha.

Meesiin miidiyaa Arjantiinaaf akka ibsetti “Kana milkeesuu danda’uu koo fi biyya koo tapha xumuraaf geessisuu danda’uun kootti hedduun gammada” jedheera.

Haa ta’u malee, taphaa Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun tapha Dilbata dhufuurratti akka dhaabbatu mirkaneesseera.

Meesiin tapha kaleessa Kirooshiyaa waliin tapahatanirratti ga’umsa argisiiseen lammiileen Arjantiinaa deeggarsa garee biyyaalessaa Arjantiinaaf qaban argisiisuuf jecha addaabaabaayiitti ba’uu Super Sport gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.