Fana: At a Speed of Life!

Baankichi Hojjeettoota kuma 11 ol qacaruuf qophiirra jiraachuu beeksiise

Finfinnee, Mudde 5, 2015 (FBC) – Baankiin Daldala Ityoophiyaa hojjettoota kuma 11 ol qacaruuf qophiirra jiraachuu beeksiseera.

Baankichi adeemsa qormaata qacarrii ilaalchisee har’a Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ibsa laateera.

Adeemsi qacarichaa amanamaa akka ta’uuf Qormaata barreeffamma Yuunivarsiitiin Finfinnee muummeen daldalaa akka laatu taasiifamuu eerameera.

Qormaaticha qoramuuf kanneen galmaa’aan kuma 130 ol keessaa kanneen ulaagaa guutuun hundi qormaaticha qoramuu isaanii Baankichatti Itti aanaa Pireezidaantiin Qabeenya Humna Namaa Obbo Efireem Makuriyaan ibsaniiru.

Qormaanni ba’eera jechuun odeeffannoon miidiyaalee hawaasummaan oliif gadi deemaa jiru dhugaarraa kan fagaate olola sobaa ta’uu Obbo Efireem ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi qophii qormaataa eegalee hanga bu’aa isaatti of eeggannoon raawwachuu Yuunivarsiitii Finfinnee Muummee Daldalaatti Itti gaafatamaan Kutaa Barnootaa Dooktar Abraaraaw Caanneen ibsaniiru.

Adeemsa qormaata laachurratti rakkoon muudate kan hin turre ta’uu fi odeefannoon qormaanni ba’eera jechuun miidiyaalee hawaasummaan tamsaa’aa jiru odeeffannoo sobaa ta’uu kaasaniiru.

Qiddisti Birihaanuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.