Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen naannoo Sidaamaaf  meeshaalee ispoortii deeggarsa  taasisan

Finfinnee, Mudde 4, 2015(FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen naannoo Sidaamaaf  meeshaalee ispoortii kubbaa miilaa deeggarsa taasisuu ibsame.

Deeggarsicha hogganaan Waajjira Pireezidaantii FDRI obbo Fiqaaduu Sabbooqaan Pireezidaantii naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamootti dabarsanii laataniiru.

Obbo Dastaan deeggarsa taasifameef galateeffachuun, deeggarsichi guddattoota ispoortii kubbaa miilaan bu’aa gaarii galmeessisaniif kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Obbo Fiqaaduu Sabbooqaan gamasaaniin, Pireezidaant Saahilawarq Zawdeen wayita Hawaasaatti turtii taasisan kubbaa miilaa 60 fi uffannaa ispoortii guutuu guddattootaaf oolu 50 deeggarsa taasisuuf waadaa seenanii turuu yaadachiisuu ragaan waajjira pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.