Fana: At a Speed of Life!

Naannichi koree farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundeesse

Finfinnee, Mudde 4, 2015(FBC)- Naannoon Beenishaangul Gumuz koree farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundeessuu ibsame.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan, qabsoo malaammaltummaafi hojiimaata badaa ittisuuf taasifamu karaa qindaa’aa ta’een bu’aa qabeessa taasisuuf koreen farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundaa’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa malaammaltummaafi hojiimaata badaa ittisuun hojiilee misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan cimsuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Qabsoon farra malaammaltummaa hirmaannaa hundaa kan barbaadu ta’uu ibsamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.