Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa kennaa fi eeyyama qaama birootin kan ijaarramu akka hin taane hubatamuu qaba -mootummaa

Finfinnee Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Hidhi Haaromsaa kennaa fi eeyyama qaama birootin kan ijaarramu akka hin taane hubatamuu qaba jedhan ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw.
 
Ityoophiyaan Hidha Haaromsaa kan ijaartu mirga guutuu waan qabduufi jedhaniiru.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachawii fi ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan dhimmicharratti ibsa laataniiru.
 
Obbo Gadduun Ityoophiyaan qabeenya uumamaasheetti fayyadamtee lammiileeshee hiyyummaa keessaa baasuuf mirga guutuu qabdi jedhaniiru.
 
Ityoophiyaan hidhicha yammuu ijaartu biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiraatan bifa hin miineni hojjechaa kan jirtu jedhan.
 
Hojii diizaayiniirraa kaasee amma ijaarsaatti kana giddugaleessa gochuudhan hojjetamaa tureera, hojjetamaas jira jedhan.
 
Ityoophiyaan bifa kanaan ijaarsicha gaggeessaa jiraattus, mirkana biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiraatan argachuuf mari’atamaa tureera jedhan.
 
Yeroo marichaattis Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts dhimmoota hedduurratti mari’atanii garaagartee isaanii dhiphisuu danda’aniiru jedhan obbo Gadduun.
 
Ameerikaatti dhimmoota hedduurratti mari’atamaa turus, teeknikaa fi dhimma seeraarratti kan walii hin galamne ta’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan dhimmicha mariidhan nan fura jettee akka amantu, dhimmoonni tokko tokko ammoo yeroo kan gaafatan waan ta’aniif, marichaan fedhii biyyoolessaa Ityoophiyaa kabachiisun kan barbaachisu ta’uun eerameera.
 
Gibtsii fi Ameerikaan waliigalteen hidhichaa dafee akka mallattaa’u barbaadanis, ummanni Ityoophiyaa dhimmicha hubachuu fi irrattis hirmaachuun waan isa barbaachisuuf, yeroon ni barbaachisa jedhan.
 
Kanaan ala maricharratti ga’een Ameerikaa fi Baankii Addunyaa adda ba’ee beekamuu qaba; qaamoleen kanneen taajjabdummaarra darbanii seera qopheessanii dhiyeessuuf fedhii qabu jedhan.
 
Hundaafuu kan barbaachisu marii qofa; kanarra darbee dhaadannoon Gibts dhageessisaa jirtu faayidaa kan hin qabne, hariiroo waloo laaffisuun ala bu’aa homaa kan hin buusne ta’uu yaadachiisaniiru.
 
Suudaan marichatti akka amantu, bishaan Abbayyaa to’achuu kan barbaaddu Gibts qofa ta’uu ibsaniiru obbo Gadduun.
 
Ityoophiyaan yaa’a gadaanuf dhiphattee hojjechaa akka jirtu Ameerikaan hubattee, Ityoophiyaa fi Gibts mariidhan waliigalteerra akka ga’an qofa gochuu qabdi; dhiibbaan kanaan ala taasifamu garuu faayidaa akka hin qabaatin hubatamuu qaba jedhan.
 
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ammoo ijaarsi hidhichaa ariifataa jiraachuu ibsaniiru.

Guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii waliin walqabatee danqaawwan seeraa hin barbaachifne akka dhiyaatan hin barbaannu jedhaniiru.

Waliigalteen mallatteessinu of eegganno barbaachisa. Ummaataa fi dhaabbailee damichaa waliin erga marii bal’aa adeemsifne mallatteessu qabna kan jedhan Dooktar Silashiin kanarra kan darbe sanada hin barbaachifne yoo nuuf dhiyeessan hin mallatteessinu .

Raawwii ijaarsa hidhichaarrattis dhiyeenyatti Waajjira Muummee Ministiraatti dhaabbilee ijaarsaa hunda waliin gamaaggamni ni taasifama jedhan.

 
Sababii vaayrasii koroonaa Chaayinaatti mudateen meeshaalee barbaachisoo gara biyyaa galchuurratti qaawwi uumamus, ijaarsa Hidha Haaromsaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraan ibsan.
 
Adoolessa keessa hidhichi bishaan qabachuu akka eegalu mirkaneessudhaan, yeruma kanattis bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 4.9 ni qabataan ibsaniiru.
 
Sanaan boodas Gurraandhalaa fi Bitootessa keessa yaalii fi anniisaa maddisiisuun ni eegalama jedhaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.