Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 35 deeggarsa taasise

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC)- Gamtaan Awurooppaa Ityoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 35 deeggarsa taasiseera.

Deeggarsichi sagantaa Seeftii neetii baadiyyaa deeggaruuf kan taasifame ta’uu ibsameera.

Waliigaltee deeggarsichaa bakka Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaariitaa Sawaasawuu argamanitti Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri gamtichaa Roonaald Koobiyaanfi Ityoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Dooyimaa Peetireeskoon mallatteessaniiru.

Roonaald Koobiyaan tumsi gamtichi Ityoophiyaaf taasisu cimaa dhufuu kaasuun, deeggarsa taasifametti gammaduu ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa aadde Samaariitaa Sawaasawu gamasaaniin, deeggarsi gamtichi Ityoophiyaaf taasisaa jiru murteessaadha jedhaniiru.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.