Fana: At a Speed of Life!

Waajjirri mana marichaa raawwii hojii baatii 6 gamaaggame

Finfinnee Gurraandhala 24, 2012 (FBC) -Waajjirri Mana Maree Qindeessituu Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Ityoophiyaa raawwii hojii baatii 6 gamaaggame.
 
Waltajjichaan hojiin baatii 6n jalqabaa bara 2012 gamaaggamameera.
 
Gamaaggamamichis kan gaggeeffame manneen maree qindeessituu naannolee fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa waliini.
 
Rakkooleen addaddaa turanis hirmaannaan ummanni hidhichaaf taasisu itti fufuun ibsameera.
 
Yeroo itti aanuttis hirmaannaa ummataa cimsuuf sosochiin ni taasifama jedhameera.
 
Mariin har’a eegalame guyyaa boriis itti fufuun gaggeeffama jedhameera.
 
Milkaa’ina ijaarsa Hidha Haroomsaatif hirmaannaa ummataa cimsuuf deeggarsa ergaa gabaabaa 8100Atiin walitti qabamu marsaa 3ffaa gaggeessuuf qophaa’uus waajjirichi ibseera.
 
Sagantaa galii walitti qabuu ergaa gabaabaa ‘8100A’ tiin Birrii miliyoona 20.5 walitti qabuuf karoorfamuunis eerameera.
 
Deeggarsa ergaa gabaa ‘8100A’ marsaa jalqabaatin Birrii miiliyoonni 80, marsaa 2ftatin Birrii miiliyoonni 49.1 walitti qabameera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.