Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi gabaasa lubbuun lammiilee Ityoophiyaa 27 Luusaakaatti darbeera jedhu nan qulqulleeffadha jedhe

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa gabaasa lubbuun lammiilee Ityoophiyaa 27 Zaambiyaa naannawaa magaalaa Luusaakaatti darbeera jedhu kan  qulqulleeffatu ta’uu beeksise.

Ministeerichi balaa mudateen gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Lammiileen kunneen namoota karaa seeraan alaa namoota daddabarsaniin gara Afrikaa Kibbaatti imaluuf osoo jedhanii lubbuun isaanii darbuu gabaafamuu eeruun, gara naannichaatti ogeeyyii bobbaasuun balicha qulqulleeffachuuf Mootummaa Zaambiyaa waliin kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.

Bifuma walfakkaatuun dhimma lammiilee kanaan dura Maalaawiitti lubbuun isaanii darbee qorachuuf gareen ministeerichaan durfamu Maalaawiitti kan argamu ta’uu yaadachiiseera.

Miidhaa daddabarsi namootaa seeraan alaa lammiileerraan gahu ittisuuf deeggarsi qaamolee dhimmatootaafi lammiilee barbaachisaa ta’uu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.