Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach dhimmoota haala waqtaawaarratti jiraattoota waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen dhimmoota haala waqtaawaarratti jiraattoota magaalichaa waliin mari’ataniiru.

Aadde Adaanachi kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin dhimmoota waqtaawaarratti marii bu’aa qabeessa taasisuu fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Manneen barnootaa magaalichaa tokko tokko keessatti dhimma Alaabaa fi Faaruu Oromiyaan walqabatee rakkoo nageenyaa uumuuf sochii taasiifamaa ture ilaalchisee ifatti marii bal’aa taasiisuu isaanii himaniiru.

Ummanni Oromoo Afaan isaan akka baratu gaaffiin dhiyaachuu kan jalqabe waggaa 5 dura ta’uu Aadde Adaanachi eeraniiru.

Gaaffii kana deebisuuf sirna barnootaa Naannoo Oromiyaarraa fudhachuun sirni baruu fi barsiisuu afaan oromoon eegalamuu dubbataniiru.

Alaabaan naannichaa wayita koru Faaruun naannoo Oromiyaa akka faarfamu seerri kan kaa’u ta’uu isaan manneen barnootaa barnootichi laatamu hundatti waggoota lamaan darbaniif hojiirra oolaa turuu ibsaniiru.

Yaa ta’uutii qaamoleen tokko tokko akka har’a eegalamee fakkeessuun yaaliin burjaajuu uumuuf taasiisan sirrii akka hin taane maricharratti kaasaniiru.

Dabalataan Afaan Somalee fi Gaamoon barsiisuuf qorannoon xumuramuu himaniiru.

Kun ammoo madda walitti bu’iinsaa ta’uun akka irra hin jiraanne hubachiisaniiru.

Qaamolee shira xaxuun magaalichatti nageenya booressuuf socho’aa jiran hawaasni saaxiluu akka qaban gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.