Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Addunyaa 22ffaan walqabatee Leenjiftoonni garee biyyaalessaa 6 hojiirraa gaggeeffaman

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Waancaa Addunyaa 22ffaa Kuwaataaritti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti leenjiftoonni garee biyyaalessaa 6 hojiirraa gaggeeffamaniiru.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Ingiliiz Gaareez Saawuzgeetis murtoo eeggachaa jiru jedhame.

Leenjisaa garee biyyaalessaa Beenjiyeem Roobeertoo Maartiineez, kan Gaanaa Ittoo, Kooriyaa Kibbaa Paawuloo Beentoo, kan Meeksiikoo Jaraard Maartiinoo, kan Ispeen Loowiis Eenarikee fi kan Biraaziil Tiitteen hojiirraa kanneen gaggeeffamaniidha.

Ingiliizis kaleessa Faransaayiin injifatamuun waancaa addunyaa ala ta’uu ishee hordofee Gaareez Saawuzgeetis murtoo eeggatu jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.