Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Idil addunyaa deeggarsa Ityoophiyaatti taasiisan akka dabalan gaafatame

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Afrikaa Bahaatti Qindeessaan deeggarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Daani’eel Indiriis Dhaabbileen Idil addunyaa deeggarsa Ityoophiyaatti taasiisan akka dabalan waamicha dhiyeessan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsaqasillaaseen Afrikaa Bahaatti Qindeessaa deeggarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Daani’eel Indiriis waliin mari’ataniiru.

Hojii yeroo ammaa Ityoophiyaatti lammiilee sababoota adda addaan miidhamuun deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa dhiyaachaa jiru ilaalchisee mari’achuu isaanii
Ambaasaaddar Taayyeen fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Dhaabbileen Idil addunyaa garaagaraa deeggarsa Ityoophiyaatti taasiisan akka dabalan Daani’eel Indiriis waamicha taasiisaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.