Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaataan alaa meetirik tooniin kumni 98 raabsame

Finfinnee, Mudde 2, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa midhaan nyaataa fi meeshaalee nyaataan alaa meetirik tooniin kumni 98 raabsamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Baalaa beeksise.

Naannichatti lammiilee deeggarsa namoomaa hatattamaa barbaadaniif hojiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu cimee itti fufuu daayrektarri hariiroo ummataa komishinichaa Obbo Dabbabee Zawdeen ibsaniiru.

Haaluma kanaan midhaan nyaataa badhaadhaa dabalateen deeggarsi namoomaa meetirik Tooniin kumni 98 fi 217 raabsamuu eeraniiru.

Deeggarsa dhiyaate keessaa meetirik tooniin kumni 13 fi 686 mootummaa Ityoophiyaan kan imalchiifame ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.