Fana: At a Speed of Life!

Humni nageenyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf ni hojjeta jedhame

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Humni nageenyaa bifa qindaa’aa ta’een olaantummaa seeraa kabachiisuuf kan hojjetu ta’uu ibsame.

Komishinaroonni poolisii federaalaafi naannolee haala yeroo biyyaalessaarratti walga’ii ariifachiisaa waloo Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaatti gaggeessaniiru.

Kutaawwan biyyattii garaagaraatti shororkeessitoonniifi finxaaleyyiin qabsoo farra malaammaltummaarratti eegalame gufachiisuufi biyyattii gara jeequmsaatti oofuuf miidiyaalee garaagaraatti fayyadamuuniifi gaaffii mirgaa dawoo godhachuun manneen barnootaa tokko tokkoofi Yuuniivarsiitiiwwanitti barattoota kakaasuun jeequmsa uumuuf socho’aa jiraachuu walga’icharratti ibsameera.

Paartileen siyaasaa karaa seeraa galmaa’anii socho’an tokko tokkos gochaa kana daheeffachuun gara daandii badiisaatti oofaa jiraachuu raga dhiyaateen mirkanaa’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.