Fana: At a Speed of Life!

Obbo Reedwaan Huseen Ameerikaatti hoggantoota Inistitiyuutii Huudsan waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC)- Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muumme Ministiraa Obbo Reedwaan Huseen Ameerikaatti hoggantoota Inistitiyuutii Huudsan waliin mari’ataniiru.

Obbo Redwaan Huseen gamaa tiwiitaraan akka ibsanitti haala yeroo Ityophiyaa, wa’iigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduu mallatteeffameerratti ibsaa fi marii bu’aa qabeessa gaggeessaniiru.

Kana malees, naannawaa walitti bu’iinsi umameetti adeemsa nageenya mirkaneessuu fi deebisanii ijaaruurrtti mari’achuun eeramaeera.

Teessoon isaa Waashingitan DC kan ta’e Inistitiyuutiin Huudsan dhimmoota idil adduunyaarratti hayyootaa fi beektota siyaasaa walitti fiduun dhaabbata mariisisuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.