Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qophii ragaalee diijitaalaa beeksise

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qophii ragaalee diijitaalaa sadarkaa yaaliitti beeksise.

Boordichi hojii galmee filattoota filannoo waliigalaa marsaa 6ffaa ammayyeessuufi odiit gochuu guyyaa har’aa ifatti eegaleera.

Hojiin galmee filattootaa kun waggaa tokko kan fudhate yoo ta’u, ragaalee filattootaa waraqaarraa gara diijitaalaatti jijjiiruun hojichi eegaluu eerameera.

Yeroo ittaanutti filannicha odiit gochuun kan eegalamu ta’uu ibsameera.

Galmeen diijitaalaa kun sirna filannoo kan ammayyeessu ta’uu Ittaanaan Walitti Qabaa boordichaa obbo Wuubishat Ayyalaa addeessaniiru.

Teekinooloojichi akka milkaa’uuf Gamtaan Awurooppaafi Mootummaan Jarman deeggarsa maallaqaa taasisuufi UNDP ammo ogeeyyiif deeggarsa ogummaa taasisuu ibsaniiru.

Galmeen ragaalee diijitaalaa kun qabiinsa ragaalee amansiisaa kan taasisuufi yeroo barbaadamanitti haala salphaan akka argaman kan taasisu ta’uu ibsameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.