Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abrahaam Balaay Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Soomaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Abrahaam Balaay jila Ministira Ministera Raayyaa Ittisa Biyyaa Soomaaliyaa Abdulkadir Mahaammad Nuuriin durfamu  waliin mari’atan.

Dooktar Abrahaam Balaay jilicha waliin dhimmoota nageenyaa waloofi naannawaarratti mari’achuu eeramera.

Ityoophiyaan nageenya Soomaaliyaaf deeggarsa hunda galeessaa kan taasistu ta’uu Dooktar Abrahaam ibsaniiru.

Ministirri Ministera Raayyaa Ittisa Biyyaa Soomaaliyaa Abdulkadir Mahaammad Nuur gamasaaniin, deeggarsa Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa nageenya Soomaaliyaaf  taasisu galateeffachuun, deeggarsichi cimee akka itti fufu amantaa qaban ibsuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.