Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen lameen haala kenniinsa tajaajila Hospitaala Dajjaamzaach Baalchaa ammayyeessuun danda’amurratti mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Waldaaleen qaxxaamura  diimaa Ityoophiyaafi Raashiyaa haala kenniinsa tajaajila Hospitaala Dajjaamzaach Baalchaa ammayyeessuun danda’amurratti mari’atan.

Pireezidaantiin Waldaa Qaxxaamura Diimaa Raashiyaa Dooktar Paavil Saavichuuk,kenniinsa tajaajila hospitaalichaa fooyyessuuf Dooktaroonni 15 Raashiyaarraa gara Ityoophiyaa dhufuun tajaajila akka kennaniifi ogeeyyii fayyaa hospitaalichaaf muuxannoo akka qoodan qophiin xumuramuu ibsameera.

Pireezidaantii Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ityoophiyaa Abarraa Tolaa, waldaan qaxxaamura diimaa Raashiyaa Ityoophiyaa waliin hojjechuun muuxannoo waggaa dheeraa kan qabu ta’uu yaadachiisuun, keessumaa Hospitaala Baalchaa deeggaraa turuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanutti deeggarsa qorichaa, ambulaansiifi ogeeyyii fayyaa biyyattii gara Ityoophiyaatti fiduun wal jijjiirraa muuxannoo taasisuuf waadaa galuu dubbataniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.