Qeenxeen mul’achuuf utuu hintaanee waloon miidhaguuf yaadaa fi hubannoo qajeelaa barbaachisa-MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)- Qeenxeen caalmaan mul’achuuf utuu hintaanee waloon miidhaguuf yaadaa fi hubannoo qajeelaa barbaachisa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Muummeen Ministiraa guyyaa sabaa fi sablammootaa ummattootaa Ityoophiyaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, Ityoophiyaan mana hundaa keenyaati jedhanii mana hunduu keessa jiraachuu dandaa’u yoo hintaanee nagaan bahanii galuun rakkisaa ta’uu ibsan.
Guyyichi seenaa, duudhaa, afaan, hambaan caalmaan kan irratti calaqqisu, hundi keenyaa Ityoophyaaf barbaachisoo ta’uu eeranii, kunis guyyaa Ityoophiyaanonni walbaraan waan ta’eef, baga guyyaa Ityoophiyaanotaa geessan jedhaniiru.
Muummeen Ministiraa akka jedhanitti qeenxeen caallee mul’achuuf utuu hintaane waloon miidhaaguuf onneen qajeelaa fi hubannoo haa qabaannu jedhaniiru.
Kalessaarraa barachuuf qofaa yoo fayyadamne boriin keenyaa miidhagaa ta’aa jedhanii, Ityoophiyaa keessa yaadamni fiinxaalessii akka mul’atuu kaasniiru.
Kunis, kaleessa irraancahuu kan hindandeenye, boru kan ijaaramu har’a kan diigan, waloon jiraachuurraa waldhiibuu kan filatan, ajandaa namootaan kan bitaman, dhiiga lammiilee nagaan siyasaa hojjennaa jedhanii kan yaadan, qaamolee muraasni jraataanillee, har’as Ityoophiyaan ni qoramti malee hininjifatamtu jedhaniiru.
Lammiillee tokkummaa fi duudhaa waloon boonu ijaaruuf walitti bu’iinsaa fi jibbiinsa dhabamsiisuunis barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.