Waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hojiitti hiikuuf murannoon hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Waliigaltee nageenyaa Mootummaa fi ABUT gidduutti taasiifame hojiitti hiikuuf murannoon hojjetamaa jiraachuu Miseensonni Koree Giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaan dubbatan.
Gama biroon haleellaa lammiilee nagaarratti qaamolee finxaaleyyiin raawwatamaa dhaabsiisuuf mootummaan karaa nagaan hojjechaa turuu eeraniiru.
Olaantummaa seeraa kabachiisuuf mootummaan kan dirqamu ta’uu fi rakkicha waaraan furuuf kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.
Walga’iin Idilee Koree Giddu Galeessaa Paartii Badhaadhinaa guyyoota arfan darbaniif dhimmoota garaagaraatti taa’amaa ture xumuramuu ibsameera.
Walga’iin koree giddu galeessaa kun mata duree ‘dandeetti bu’aan, qormaata milkaa’inaan’ jedhamuun dhimmoota biyyaalessaa fi waqtaarratti gaggeeffamaa ture kallattii yeroo itti aanuu kaa’uun xumurameera.
Waliigalteen nageenyaa ABUT waliin taasiifame injifannoo Ityoophiyaa kan mirkaneesse ta’uu miseensonni korichaa ibsaaniiru.
Hojiin waliigalticha hojiitti hiikuuf eegalame cimee akka itti fufu ejjennoon jiraachuu eeraniiru.
Waliigaltichi ijaarsa biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Finxaaleyyiin diinoota Ityoophiyaa hundaa ta’uu isaanin waloon qolachuun barbaachisaa ta’uu fi rakkicha waaraan furuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.