Ityoophiyaan tasgabbii fi Nageenya Somaaliyaa mirkaneessuuf deeggarsa taasiisuu itti fufti- Fiild Maarshaalii Birihaanuu Juulaa
Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan tasgabbii fi Nageenya Somaaliyaa mirkaneessuuf deeggarsa taasiisuu kan itti fuftu ta’uu Itaamaajooriin Humna Waliigalaa FDRI Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsan.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Ittisaa Somaaliyaa Abdulkaadir Mahaammad waliin mari’ataniiru.
Ityoophiyaan garee shoroorkeessaa Alshabaab dhabamsisuu fi nageenyaa Somaaliyaa mirkaneessuf bobbii idilee fi eergama nageenyaa kabachiisuu Raayyaa Ittisaa ishee ramaduun aarsaa guddaa kaffalaa turuu ibsaniiru.
Aarsaa kanaan nageenyi argamuu fi qabsoon farra Alshabaab kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Ministira Raayyaa Ittisaa Somaaliyaa Abdulkadiir Mahaammad gama isaaniin, Ityoophiyaan Nageenya Mootummaa Somaaliyaa fi Ummataa ishee mirkanneessuuf deeggarsa taasisa turtee fi taasisaa jirtu galatteeffataniiru.
Gara fuulduraattis hariiroon biyyoota lamaanii cimee akka itti fufuuf Iyoophiyaan Raayyaa Ittisaa Somaaliyaaf leenjii ijaarsaa dandeettii itti fufiinsa qabu akka kennitu gaafataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.