Fana: At a Speed of Life!

Muummeen Ministiraa guyyaa sabaa fi sablammootaa ergaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI guyyaa sabaa fi sablammootaa 17ffaa ilaalchisuun egaa bagaa geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin baga ‘Guyyaa Ityoophiyummaa’ geessan jedhan.

Guyyaan sabaa fi sabalammootaa (Guyyaa Ityoophiyummaa) baranaa mata duree “Tokkummaa sabdaneessaa nageenyaa waaraaf” jedhuun kan kabajamu ta’uu kaasanii, nageenyi waaraan kan jiraatu tokkummaa sabdaneessaa mirkaneessuu wayita dandeenyudha jedhaniiru.

Ityoophiyaa fi Ityoophiyummaan nageenyaa waaraa malee, nageenyi waaraan tokkummaa sabdaneessan malee milkaa’uu akka hindandeenye ibsaniiru.

Guyyichi guyyaa Ityooophiyummaa ta’uu eeruun, Ityoophiyummaan calaqqee tokkummaa sabaa fi sabalammootaa ta’uu himan.
Ityoophiyummaan duudhaalee, aadaawwan, seenaa, hambaalee, afaanotaa fi ogummaawwan sabaa fi sabalammootaa tokkummaan kan itti ibsaman eenyumaa waloo ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaa fi Ityoophiyummaan waltajjiiwwan addunyaarratti injifatanii akka ba’aan yoo barbaadame, hundi keenyaa daandii ittiin injifachuu dandeenyu uumuu qabna.

Hundi keenyaa injifachuu kan dandeenyus Ityoophiyaa hundaa keenyaaf mijattuu ijaaruun ta’uu kaasanii, kun ammo yoo hundi keenya Ityoophiyaa sirrii ijaaruuf boruurratti xiyyeeffannedha jedhan.

Ityoophiyaa ijaaruun kan danda’amuu daandiilee ogummaa lamaan ta’uu kan eeraan Muummeen Ministiraa, inni jalqabaa, hunduu akka nurraa hir’atu taasisuun, inni lammataa ammo irraa deebiin raawwachuu ta’uu kaasaniiru.

Lammiilee biroof egeree, nagaa, kabaja fi haqa wayita jedhamu, wantootaa murtaa’oo ofirraa hir’isuun wareeguuf fedhii qabaachuu barbaachisa jedhan.

Waliin jiraachuun wareegama waloo kan gaafatuu ta’uus kaasan.
Wareegamni kun garuu hundi keenya hunda keenyaaf kan kaffalluu ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Fedhiidhaan waan tokko of dhabsiisuun gatii seenaa qabeessaa mana waloo ijaaruuf kaffalamu ta’uu ibsuun lammii biraan akka jiraatu, akka kabajamu, nageenyaa fi haqaa akka argatuuf gatii jaalalaa kaffalluudha jedhan.

Gatii kana kaffaluuf yoo hinqophoofne walta’uurra waldhiibuu, waldeeggaruurra walsakaaluu, waliin jireenyarra garaagarummaa, walkabajarra walcabsuun carraa keenyaa ta’a jedhan.

Wanti dubbannu, hojjennu, seerri baafnu, hojmaanni dirirsinu, ayyaanni kabajnu, muudamni kenninu, qabeenyi qooddannu, kanneen biroof akka ta’utti wayita raawwannu wanti dhabnu jiraachuu mala; kun hundi garuu waliin jiraachuu fi biyya tokko ijaaruuf, badhaadhina hunda keenyaaf mijatu ijaaruuf gatii jabaa kaffallameedha himan.

Hundi keenyaa bu’aa wareegama kaffalamee ta’uu himuun, kanaaf nutis kanneen biroof wareegama kaffaluu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa keessaa kan jiran hundi kan waloo keenyaa ta’uu eeruun, kutaalee biyyattii hundatti qaamoleen nageenyaa dhiigaa isaanii dhangalaasuun, lafee isaanii kan cabsaniif kanaaf ta’uu eeraniiru.

Saba kamuu dhiibuun Ityoophiyaa dhiibuu akka ta’ee ibsuun, madaan, cabiinsi, salphinni, ajjeechaan, buqqaatii fi nageenyaa dhabuun ummataa Ityoophiyaa kamuu kan Ityoophiyaati jedhan.
Ityoophiyaan akka namaa ta’uu fi ijooleen ishee ammo kutaalee qaama namaa garagaraa ta’uu himu.

Qaamni tokko wayita dhukkubsatuu kan wal’aanamuu qaama hunda akka ta’ee sabaa fi sabalammoonni Ityoophiyaas akkasumaa akka ta’e eeraniiru.

Har’a fedhii dhunfaarra darbee fedhii fi tokkummaa keenyaaf guyyaa itti harkaa keenya diriirsinuudha jedhan.

Har’a garaagarumma keessatti miidhagina utuu hintaane garaagarummaa keessatti jireenyi akka jiru guyyaa raga baanuudha jedhaniiru.

Manni biyyatti akka fakkeeffamu, qoqqoodamuun galma ga’uu akka hindandeenye hubachuun beekumsaa fi fedhiidhaan jireenya waloof tokkummaan dhaabbanna jedhan.

Tokkoon keenyaa kan biroof jiraachuun filmaataa keessa hindeebi’amne ta’uu utuu hindagatiin biyya keenya miidhaginaan ni ijaarra himan.

Yeroon ifaa fi ol kafaamuu akka ga’e, obsaa fi abdii utuu hinkutiin bilbila bari’uu haa bilbillu jedhan.

Galma utuu hinga’iin dhaabbachuun kufaatii olaanaa akka fidu eeruun saffisaan imaluun; ija dadhabbii keenyaa nyaachuuf yeroon utuu hinga’iin humni keenya mudhukuu akka hinqabne dubbatan.

Mootummummaa fi biyyoonni bu’uura hinqabne yeroo gabaabaa keessatti biyya miidhagduu wayita ijaaraa jiranitti Ityoophiyaa bu’uura cimaa qabdu qabaannee kan jalqabne xumuruun nu dadhabsiisuu hinqabuu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Ummattoota bu’uuraa jabaa ta’uu keenyaa dagachuun ga’uu akka qabu himuun, garaagarummaa keenyaa gaheef yoo oolchine tokkummaan keenya duudhaalee kenyarratti ni ijaarama jedhan.

Tokkummaan imalaa, beekumsa keenyaa akka ta’uu nutis tokkummaan dhaabbachuu qofaa utuu hintaane idaa’amuun humna keenyaa lakkoofsa keenyarraa haa baay’inuu ibsan.

Waanti hundi keenyaa itti fayyadamnuu sirnaan hojiirraa hinoolu yoo ta’e biyya tokko keessa jiraachaa fayyadamummaan keenyaa itti fufaa ta’uu hidanda’uu jedhanii, hundi keenyaa walqixa yoo hininjifanne, eenyuyyuu itti fufiinsaan injifachuu hindanda’u jedhan.

Hundi keenya yoo hinkabajne, eenyuyyuu ittifufiinsaan kabajamuu hindanda’u. Hojii hojjennu kanneen biroo kan hinmiine, inumaayyu kan fayyadu ta’uu yoo mirkaneeffanne malee hojjechuu hinqabnu jedhan.

Madaalliin yaadnu lama ta’uu akka qabuu hubachuun barbaachisaa ta’uu eeruun, kunis guutummaan Ityoophiyaa wanti akka injifattuu hintaasifne hundi oolee bula malee miidhaa hordofsiisuu akka hinhafne yaadachiisaniiru.

Faalla kanaan ammo ni milkoofna jechuun fiigichi taasifamuu fiigicha abjuu ta’a jedhan.

Dhuunfaan fiiguun hiyyummaa qooddachuun ala badhaadhinni milkeessinuu hinjiraatuu jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.