Naannoo Tigraayitti kenniinsa tajaajila Fayyaa eegalchiisuuf hojjetamaa jira – Ministeera Fayyaa
Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Naannoo Tigraayitti hojiin kenniinsa tajaajila Fayyaa eegalchiisuu hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Hojiin tajaajila yaala tasaa fi dhaabbilee fayyaa hojii eegalchiisuu cimee itti fufuu ministeerichi ibseera.
Waldhabdee kaaba biyyattiitti uumame hordofee kutaalee hawaasaa deeggarsa namoomaa, yaala lubbuu baraaruu, sirna nyaataa fi tajaajila yaalaa waliin ga’uu hojjetamaa jiraachuu himeera.
Hojiileen kunneen ministeera Fayyaa fi dhaabbilee deeggartootaan hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.