Fana: At a Speed of Life!

Biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaadha – BKO

Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Gaaffii bule hunda deebisuun biyya hundaaf taatu ijaarramaa jirtuuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta’uu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa guyyaa Sabaaf sablammootaa 17ffaa boru kabajamu ilaalchisee ibsa laateera.

Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Duudhaalee Federaalizimii Sabdaneessaa idileessuun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf murteessaadha!

Itoophiyaan biyya Saboota, Sablammootaafi Ummattoota hedduu Gaanfa Afrikaati. Lammileen Itoophiyaa biyya isaanii wareegamaan tiksanii har’aan ga’an keessatti mirga ofiin of bulchuu gonfatan jalattti afaan, aadaafi seenaan isaanii dhugaan mirkanaa’eefii arguu barbaadu. Kun ammoo sirna federaalizimii sabdaneessaa diimokiraasiin utubame hojii irra oolchuu qofaan mirkanaa’a.

Sirni Federaalizimii sab-daneessaa duudhaalee Af-daneessummaa, Aad-daneessummaa, seen-daneessummaa, heddumina amantaa, danummaa ilaalchaafi yaadiddamaafi kanneen kana fakkaatan of keessatti hammata. Ta’us garuu duudhaaleen kunneen sirnaawuu dhabuun biyya keenya jeeqama siyaasaafi gaagama diinagdeef saaxilee ture.

Sirni wal qixxummaa sabootaafi sab lammootaa kabaju akka hundaahuuf qabsoo barattoonniifi qonnaan bultoonni taasisaniin sirni mootii kufus, sirni Dargii aangoo jiddu galeessaa qabate gaaffii lafaa deebisuuf yaalus gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaa sabootaa deebisuu hin dandeenye. Kunis qabsoon lammilee Itoophiyaa akka itti fufuuf balbala saaqe. Qabsoo taasifameenis sirni Dargii aangoo irraa darbatamuun guyyaan Heerri Mootummaa FDRI itti raggaasifame Sadaasni 29/1987 waggaa waggaan kabajamuu eegale.

Qabsoo wal qixxummaafi hiree ofii ofiin murteeffachuuf uummanni biyya keenyaa taasiseen kufaatii mootummaa Dargii booda kan hundaa’e sirna ADWUI jalattis gaaffin dimokiraasii fi Walqixxummaa Sabootaa heera mootummaa keessatti haa barreeffamu malee dimokiraasii dhugaa irratti waan hin ijaaramneef fincila yeroo adda addaa keessummeessuun burkutaa’ee hoggansi haaromsaa akka dhalatuuf sababa ta’eera.

Injifannoo qabsoo ummataan argame dimokiraasii dhugaa dabaaluun biyya jabduu sirna jabaa qabdu ijaaruu galma kan godhate hoggansi jijjiiramaa, gaaffii uummataa kudhaammatee, giddu seentummaa tokko malee naannooleen ofiin akka of bulchan taasisuu bira darbee gaaffii uummanni barootaaf gaafachaa turan, garuummoo deebii dhaban deebisuun naannoleen haaraan bu’uura heera mootummaan akka hundeeffaman ta’ee jira. Kunis federaaliziimii sabdaneessiifi dimokiraasii dhugaan hojii irra oolaa jiraachuu kan mirkaneessedha.

Gaaffii bule hunda deebifnee biyya hunda keenyaaf taatu ijaaraa jirruuf sirni Federaalizimii sabdaneessi murteessaa ta’uu akeeka.

Waan ta’eef Guyyaa Heerri Mootummaa FDRI itti ragga’e kabajna.
Lammileen Itoophiyaas dibaabee biyyaalessaa jalatti tokkummaafi walitti dhufeenya jidduu isaanii jiru guyyaa itti calaqqisiisanidha.

Mootummaanis mirga heerri mootummaa isaan gonfachiise osoo hin sharafamin Saboonni, Sablammoonnifi Ummattoonni akka itti fayyadamaniif xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jira. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 17ffaaf bara kana mata duree “Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf” jedhuun kabajamus imala jijjiiramaa jalqabneef bu’ura cimaa kan kaa’udha.

Guyyaan saboota, Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa kabajamuus obbolummaafi tokkummaa jiru daran cimsuu bira darbee ilaalcha biyyaalessummaa ijaaruu keessatti taatee angafummaan gumaacha taasisedha. Kana malees, agarsiifni aadaa, duudhaa fi safuu dirree tokko irratti taasifamu kun wal dinqisiifachuu, jaalala ture daran itichuufi muuxxannoo wal jijjiiruu keessatti walitti hidhaminsi gaariin akka uumamu taasiseera.

Kanaanis eenyummaa dhugaan Itoophiyaanotaa kun dirree tokko irratti tokkummaan miidhagee yoo mul’atu Ummata Addunyaa biratti maqaa gaarii biyya keenya ol kaasee kan mul’isuu fi tuuristoota hawwachuun utubaa dinagdees ta’ee jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.