Tajaajilichi shira damee diinagdeen raawwatamu ittisuuf sochii taasisaa jiraachuu ibse
Finfinnee, Sadaasa 27, 2015(FBC)- Shira damee diinagdeen raawwatamaniifi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf sochii taasisaa jiraachuu Tajaajilli nageenya Odeeffannoo ibseera.
Kolleejjiin Yuunivarsiitii Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ogeeyyii damee nageenya diinagdeefi Komishinii Gumruukaatti ogeeyyii Odeeffannoo Seera Kabachiisaa leenjisaa ture eebbisiiseera.
Ittaanaa Daayrektara olaanaa tajaajilichaa Siisaay Tolaan, shira damee diinagdeen raawwatamuufi gochoota malaammaltummaa ittisuuf sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni damee bobba’anirratti biyyaafi uummataaf dursa kennuun bobbii kennamuufirratti itti gaafatamummaa isaanii gahumsaan akka ba’atan yaadachiisaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.