Sararri elektirikaa Maqalee Giddugala To’annoo Anniisaa Biyyaalessaatti hidhamuu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 27, 2015(FBC)- Sararri elektirikaa Maqalee Giddugala To’annoo Anniisaa Biyyaalessaatti hidhamuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.
Humni elektirikaa magaalaa Maqalee waggaa tokkoo oliif Giddugala humna elektirikaa biyyaalessaarraa adda cite turuun isaa kan yaadatamudha.
Sararichi giddugala to’annoo humna elektirikaa biyyaalessaatti kan walitti hidhame sarara abbaa kiiloovooltii 230 Allaamaaxaatti diriirfamerraa ta’uu ibsameera.
Sararichi suphamee tajaajila kennuu eegaluunsaa naannuichatti hojii tajaajila elektirikaa deebisuuf eegalame ni ariifachiisa jedhamuu TOI gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.