Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan murtoo Gamtaan Awuuroppaa gatii  boba’aarratti baase hin fudhadhu jette

Finfinnee, Sadaasa 26,2016 (FBC)-  Raashiyaan murtoo Gamtaan Awuuroppaa gatii boba’aarratti baase kan hin fudhanne ta’uu beeksifte.

Minseensonni Gamtaa  Awuroppaa Raashiyaan oomisha boba’aa baarmeelaa tokko Doolaara 60tti akka gurgurtuuf waliigalteerra gahuu ifoomsaniiru.

Haala waliigaltichaatiin biyyoonni miseensa Gamtaa Awuroppaa gatii kana oliin akka hin bitne qoqqobiin kaa’ameera.

Bifuma walfakkaatuun miseensonni biyyoota Garee 7 fi Awustiraaliyaas gatii kaa’ameen alaa kan hin bitne  ta’uu beeksisaniiru.

Ittaanaan Ministira Muummee Raashiyaa Aleeksaandar Novaak ibsa kennaniin,  Raashiyaan murtoo Gamtaan Awurooppaas ta’ee biyyoota Garee 7 dabarsan kan hin fudhaanne ta’uu  ibsaniiru.

Gamtichi fooyya’iinsa gatii baaseen Moskoorraatti rakkoo akka hin uumneef furmaata barbaaduuf hojjechaa jiraachuu RTn gabaaseera.

Murtoon gamtichaa seera gabaa Addunyaa kan cabsee ta’uu Aleeksaandar Novaak eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.