Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atileetiksii Kilaboota Oromiyaa 11ffaan olaantummaa Kilaba Atileetiksii Buraayyuun goolabame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)-Torbee tokkoof Magaalaa Asallaatti gaggeeffamaa kan ture Shaampiyoonaan Kilaboota Atileetiksii Oromiyaa 11ffaan Injifannoo Kilaba Atileetiksii Buraayyuun xumurameera goolabameera.

Kilabni Atileetiksii Magaalaa Buraayyuu qabxii 418 argachuun 1ffaan yoo goolabu, Kilabni Atileetiksii Adaamaa fi Sabbaataa waldura duuban sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan goolabaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa, dame Atiletiksii Oromiyaa guddisuuf shoorri kilaboota Atileetiksii olaanaa ta’uu himuun, fuulduraatti kilaboota kanneen cimsuuf kan hojjatamu ta’uu himaniiru.

Itti gaafatamaan Biiroo Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraktar Shimallis Daawwit gama atileetiksiin maqaa gaarii Naannoon Oromiyaa qabdu qabatee akka itti fuftuuf kilaboonni atileetiksii naannicha keessa jiran atileetoota gahumsa qaban horachuuf waldorgommiin akkanaa barbaachisaa ta’uu kaasaniru.

Atileetoonni Nannoo Oromiyaa carraa dorgommii kana fayyadamuun gahumsa isaanii agarsiisuun dorgommii biyyaalesssaa fi idil addunyaarraatti qooda akka fudhatan taasisuuf dorgommichi kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee kilaboota atileetiksii muudatan furuufis hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.