Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan waggoottan darbanitti misooma indaastiriin biyyoota Afrikaa raawwii gaarii qaban 10 keessaa tokko taate

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Ityoophiyaan waggoottan sadan darbanitti misooma indaastiriin biyyoota Afrikaa raawwii gaarii qaban 10 keessaa tokko ta’uu Baankiin Misooma Afrikaa ibse.

Bankichi bara raawwii faranjootaa 2010 kan 2019-2021tiin walmadaalchisuun raawwii biyyoonni Afrikaa gama misooma indaastiriin galmeessisan ifoomseera.

Baankichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni kanneen akka Beeniin, Moozaambiik, Seenegaal, Giinii, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa, Gaanaafi Ugaandaa raawwii gaarii galmeessisuu eereera.

Biyyoonni tokko tokko guddina indaastiriin xiyyeeffannoo olaanaa argachuus ragichi ifoomseera.

Biyyoonni akka Jibuutii, Eritiraafi Mooritaaniyaa damee indaastirii oomishaan bara faranjootaa 2010 irra baroottan sadan darbanitti fooyyee agarsiisuu ibseera.

Damee Indaastiriin diinagdeen biyyoota Giinii, Seenegaal, Gaabooniifi Moozaambiik fooyya’iinsa agarsiisuu addeesseera.

Biyyoonni Afrikaa damee indaastiriirratti xiyyeeffannoon yoo hojjetan galma misooma waarawaa Gamtaan Afrikaa hanga bara 2063tti kaa’e milkeessuun akka danda’amu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.