Manni Maree Magaalaa Finfinnee guyyaa sabaafi sablammootaa kabaje
Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Manni Maree Magaalaa Finfinnee mata duree “Tokkummaa Sab-daneessummaa keenya nageenya waaraaf” jedhuun guyyaa sabaafi sablammootaa 17ffaa kabajeera.
Afyaa’iin Mana Maree Federeshinii obbo Aganyahu Tashaagar sirna kabaja guyyichaarratti haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan biyya eenyummaa hedduufi sabaafi sablammii waan taateef tokkummaan heddumina keenyarratti bu’uureffame nageenya keenyaaf utubaadha jedhan.
Afyaa’iin Mana Maree magaalichaa aadde Buuzeenaa Alkadir gamasaaniin, kabajni guyyaa sabaafi sablammootaa magaalichatti aanaaleerraa kaasee kutaalee hawaasaa hunda waliin sirna sab-daneessummaarratti mari’achuun kabajamaa turuu yaadachiisaniiru.
Kanaanis dhaabbata sirnicha baachuu danda’u ijaarreerra jechuun, tokkummaan sab-daneessummaa nageenya waaraaf shoora olaanaa qabaachuu addeessaniiru.
Sirna kabaja guyyichaarratti hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaafi bakka buutonni hawaasaa hirmaachuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.