Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa diippiloomaatonni biyyattii gadi dhiisanii akka ba’an eeyyamte

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa sababa dhibee Koroonaatin diippiloomaatota biyyattii gadi dhiisanii ba’uu barbaadaniif eeyyama laatte.

Daandiin Qilleensaa Kooriyaa Kaabaa diippiloomaatotaa fi hojjettoota dhaabbilee idil addunyaa Piyoongiyaangii gara Raashiyaa fi biyya isaaniitti deebi’uu barbaadaniif balalii addaa qopheessuu isaa beeksiseera.

Balalliin kun Jimaataa eegalee hojiirra kan oolu ta’uun ibsameera.

Piiyoongiyaang lammiilee alaa baatii tokkoo oliif qophaa tursiisuu isheetu himame.

Biyyattiin sababa dhibee koroonaatin daangaa ishee cufuun ishee kan yaadatamudha.

Biyyattiitti yeroo ammaa namni vaayrasii koroonaatin qabame hin jiru jedhameera.

Ameerikaattis namoonni 6 dhibee kanaan du’aniiru.

Bulchiinsi preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp balalii gara Iiraan, Xaaliyaanii fi Kooriyaa Kaabaatti taasifamu dhorkera.

Vaayrasiin koroonaa Xaaliyaanirra ka’uun biyyoota Awrooppaa, Ameerikaa, Eeshiyaa fi Afrikaatti babal’achuutu himame.

Waliigala biyyoota 58 keessatti muul’ateera. Afrikaattis biyyoota 6 keessatti kan muul’ate yoo ta’u, Naayjeeriyaa, Gibts, Aljeeriyaa, Moorookoo, Seeneegaalii fi Tuuniiziyaa keessatti namoonni dhibee kanaan qabaman yaalarra jiru jedhame.

Hanga ammaatti namoota kuma 90 ol dhibee kanaan qabaman keessaa namoonni kumni 3 ol du’aniiru jedhame.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.