Guyyaan Sabaaf sablammootaa 17ffaan Naannoo Somaaleetti kabajame
Finfinnee, Sadaasa 22, 2015 (FBC) – Guyyaan Sabaaf sablammootaa 17ffaan Naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajameera.
Guyyichi mata duree ‘Tokkummaa sabdaneessaa nageenya waaraaf’ jedhuun kabajameera.
Sirna kabaja guyyicharratti Pireezidaantii naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammadii, Itti aantuu Af Yaa’ii Mana Maree naannichaa Aadde Ayyaan Abdii dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Somaaleerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.