Piroojektiin fooyya’iinsa sirna nyaataa Horsisee bulaa ifoomee
Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Piroojektiin fooyya’iinsa sirna nyaataa horsisee bulaa Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti ifoomeera.
Sirnicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa, Obbo Umaar Huseen ,Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahammaadii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaala fi naannoolee argamaniiru.
Piroojektichi rakkoolee yeroo yeroon Horsisee bulaa mudatuu qolachuu fi jijjiramaa qabeenya qilleensaa to’achuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.
Piroojektichi waggaa jahaaf kan turu yoo ta’uu, Oromiyaa ,naannoo Somaalee, Afaar , Kibbaa Lixaa Ityoophiyaa fi Naannoo Kibbaatti hojiirra oola jedhame.
Maddi:- TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.