Obbo Dammaqaa Makonnin ejjennoo madaalawaa Iswaatiiniin dhimma Ityoophiyaarratti agarsiisteef galateeffatan
Finfinnee, Sadaasa 19, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Iswaatiinii Tuuliisiil Dilaadilaa waliin mari’ataniiru.
Aanga’oonni lameen dhimmoota waloofi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.
Obbo Dammaqaan haala yeroo biyyaalessaafi waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamerratti gitasaaniif ibsa taasisuu eerameera.
Mootummaan Ityoophiyaa bu’uura waliigaltichaan nageenya waaraa fiduuf hojiirra oolmaasaarratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Iswaatiiniin wayita Ityoophiyaan rakkoo keessa turtetti ejjennoo madaalawaafi hin jijijjiiramne agarsiisuusheef galateeffataniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Iswaatiinii Tuuliisiil Dilaadilaan gamasaaniin, waliigaltee nageenyaa mallatteeffame ilaalchisuun mootummaafi uummata Ityoophiyaan baga gammaddan jedhaniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf Iswaatiiniin deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Iswaatiin bifa faayidaa waloo giddugala godhateen hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu hubachiisuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.