Fana: At a Speed of Life!

Dhibee sombaa ittisuu fi to’achuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannaa kennuu qaba-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)-Dhibee sombaa (TB) ittisuu fi to’achuuf, akkasumas deeggarsa faayinaansii biyya keessaa guddisuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannaa kennuu akka qabu Ministeera Fayyaa ibse.

Waltajjiin marii to’annoo fi ittisa dhibee sombaa Afrikaarratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, mootummoonni dhibeen sombaa gufuu guddina hawaasaa ta’uu hubachuun, dhibecha dhabamsiisuuf hoggansa cimaa sadarkaa hoggantoota siyaasaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Dabalataan, faayinaansii keessoo guddisuuf, gaaffii deeggarsaa maallaqaa qopheessuu fi soda dhibee sombaa furuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu dubbataniiru.

Waltajjicharratti muuxannoon biyyoota garaagaraan fudhatame, tarsiimoowwan idil addunyaa fi biyyaalessaa, gosoota TB jiran qorachuu fi milkaa’inaan wal’aanuu, galmoota wal’aansa fi to’annoo TB milkeessuurratti dhimmoota xiyyeeffatan irratti mariiin akka gaggeeffamu ibsameera.

Akkasumaas qorannoowwan saayinsaawaa dhiyaatanii akka irratti mari’atamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.