Mala aadaan kanneen albuuda baasan diinagdee idilee ijaaruutti akka ce’an tumsuuf ni hojjenna-Inj. Taakkalaa Uumaa
Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)- Mala aadaan albuuda kanneen oomishan diinagdee idilee ijaaruutti akka ce’an tumsuurratti ni hojjenna jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan.
Injiinar Taakkalaan miidiyaa hawaasummaa isaaniin, malaa aadaan oomishtootaa albuudaf bu’uuraalee misoomaa bu’uuraa ta’an ijaaruu fi liqii maallaqaa mijeessuun akka ce’an tumsuuf akkaa hojjetamuu eeran.
Dabalataanis, oomishtoonni kunneen seektara albuudaa keessaa akk hinbaaneef maashinaroota dhiyeessuu fi leenji kennuun tumsuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.