Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinaa fi qaqqabama barnootaa guddisuuf wiirtuuwwan saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herreegaa(STEM) babal’achuu qabu jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2012 (FBC) – Qulqullinaa fi qaqqabama barnootaa guddisuuf wiirtuuwwan saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herreegaa(STEM) babal’achuu qabu jedhame.

Dhaabbanni “STEMpower” jedhamu yuunvarsiitiiwwan mootummaa hundatti wiirtulee STEM hundeessuuf Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo FDRI waliin waliigaltee mallatteessuun hojjechaa jira.

Raawwii hojii wiirtulee STEM Ityoophiyaa kanneenirrattis waltajjiin guyyootii lamaa magaalaa Bishooftuutti har’a eegalame, gaggeeffamaa jira.

Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Afawarq Kaasuun galmoota misooma waaraa keessaa tokko 2030tti barnoota qulqullina qabu waliin ga’uudha jedhan.

Qulqullinaa fi qaqqabama barnootaa guddisuuf ammoo wiirtuuwwan saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herreegaa(STEM) babali’isuun murteessaa waan ta’eef irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.

“STEMpower” wiirtulee kanneen hundeessuu fi babal’isuudhan ala, laaboraatooriiwwan sochootuu Ityoophiyaatti beeksisaa jiraachuu himan.

Damee Afrikaatti hoji raawwachiistuu olaantuun “STEMpower” Qiddist G/aamlaak, hojiin dhuunfaan dhaabbatichaan hojjetamu waltajjii waloorratti daran xiyyeeffannaa argata jedhan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.