Fana: At a Speed of Life!

Adwaan injifannoo gootummaa walooti – preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2012 (FBC) – Adwaan injifannoo gootummaa walooti jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.
 
Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 124ffaan gaarren Adwaa jalatti sirnoota addaddaatin kabajameera.
 
Sirnicharrattis gootonni durii, dargaggoonni, daa’imman, hoggansi olaanoo fi qaamoleen hawaasaa addaddaa argamaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarq Zawdeenis sirnicharratti argamuudhan ergaa dabarsaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarq injifannoo Adwaadhan dura warri adii gurraachonni qaroomina waan hin qabneef, ammayyummaan waan isaan hanqatuu fi humna waan hin qabneef, akka salphaatti isaan jilbiinfachiisnee bitnaan Afrikaanota tuffachaa turan jedhaniiru.
 
Wareegama Adwaarratti kaffalameen garuu Ityoophiyaanootarra darbee Afrikaanonni kabajamaniirun ibsan preezdaant Saahilawarq Zawdeen.
 
Injifannoon sun ammoo bu’aa qabsoo tokkummaati jedhan preezdaant Saahilawarq.
 
Ityoophiyaanonni weerara Xaaliyaanii lammaffaarrattis wareegamaa fi gootummaa jabaa galmeessisuudhan biyyi isaanii walabummaa isheetin akka itti fuftu taasisaniiru jedhan.
 
Har’as kabaja, walabummaa fi fedhii biyyaa kabachiisuuf waloon tumsaan dhaabbachuu qabna jedhan preezdaant Saahilawarq.
 
Itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel gama isaanitiin wareegamni abbootii fi haadholii durii mallattoo jaalala biyyaati jedhan.
 
Seenaa duriirraa barachuudhan tokkummaa fi bilchinaan waliin dhaabbachuudhan, fedhii biyyaa dabarsinee akka hin laanne hojjechuu qabna jedhaniiru.
 
Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRI Dooktar Hiiruut Kaasaawii fi bakka bu’aan Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Haariisan Viikar injifannoon Adwaa, injifannoo Afrikaanota maraati jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.