Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa eebbifamtoota bara 2010 fi 2011 kuma 8 gitoota hojii garaagaraarratti ramade

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee eebbifamtoota haaraa bara 2010 fi 2011 kuma 8 gitoota hojii garaagaraarratti ramaduu beeksise.
 
Ulaagaalee bulchiinsi magaalichaa qaxarrii hojiif baase ga’umsaan kanneen darban hojjettoonni haaraan kumni 8 gitoota hojii banaa garaagaraarratti ramadamuu isaanii ibsameera.
 
Hojjettoonni haaraan qaxaraman kunneen jijjiirrama eegalame bifa fooyya’aa ta’een itti fufsiisuuf qophii ta’uu akka qaban itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbataniiru.
 
Hojjettoonni kunneen guyyoota darban leenjii hojii fudhachaa kan turan yoo ta’u, leenjichi guyyaa har’aa galma Barkumeetti guduunfameera.
 
Xumura leenjii kanarratti kan argaman Injiinar Taakkalaan yeroo tokkotti muuxxannoo hojii duwwaan hojjettoota hanga kana hojiitti galchuun isa jalqabaati jedhan.
 
Finfinnee akkuma maqaa ishee haaraa taasisuuf hojjettoonni haaraan daandii jijjiirramaatti makamtan hawaasa keessan seeraan tajaajiluu qabdu jedhan.
 
Hojjettoonni haaraan qaxaraman kunneen Gurraandhala 24, 2012 irraa eegalanii gara seektaroota, kutaa magaalootaa fi aanaalee itti ramadamanitti argamuun hojii eegaluu qabu jedhame.
 
Barattoota bara 2010 fi 2011 dhaabbilee olaanoorraa eebbifaman kuma 20 keessaa kumni 8 qorumsa madaallii laatame darbuun ramadamuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.