Midhaan Nyaataa fi Qorichaaleen Meetirik Tooniin kumni 7 fi 887 naannoo Tigraayiif raabsame
Finfinnee, Sadaasa 14, 2015 (FBC) – Midhaan Nyaataa Meetirik Tooniin kumni 7 fi 523, fi Qorichaaleen Meetirik Tooniin 364 naannoo Tigraayiif raabsamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.
Waliigaltee nageenyaa taasiifame hordofee naannichatti dhiyeessiin deeggarsa namoomaa cimee itti fufuu ibsameera.
Hanga Sadaasa 12, 2015tti midhaan nyaataa meetirik Toonii kuma 6 fi 93.4 konkolaattoota 198n gara naannichaatti imalchiifamuun raabsamuu eereera.
Akkasumas qorichaaleen Meetirik Tooniin 364 naannicha qaqqabuu himeera.
Dabalataan boba’aan Leetirri kumni 105 fi 159, meeshaaleen nyaataan alaa meetirik tooniin kumni 1 fi 74.6 raabsamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
Dhaabbileen deeggartootaa 11 komishinicha waliin ta’uun deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu himeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.