Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Istaadiyeemii Aqaaqii Qaallitti ariitiin xumuramuun tajaajilaaf ooluu qaba – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2012 ( FBC) – Ijaarsi Istaadiyeemii Aqaaqii Qaallittii ariitiin xumuramuun tajaajilaaf ooluu akka qabu itti aanaan Kaantibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan himan.
 
Injiinar Taakkalaa Uumaan haala ijaarsa Istaadiyeemii kanaa daawwataniiru.
 
Istaadiyeemiin Aqaaqii Qaallitti kun daawwattoota kuma 25 keessummeessuu danda’a jedhame.
 
Ijaarsi kun dirree fiigichaa fi tapha kubbaa miilaa sadarkaa isaa eeggate kan qabuudha jedhame.
 
Istaadiyeemichi daawwattootaaf mijataa akka ta’uuf baaxiin kan uwwifamu ta’a jedhame.
 
Akkasumas tajaajila hunda galeessa kanneen akka iddoo uffannaa taphattootaa, giddugala leenjii, kutaalee dhiqannaa, suuqootaa fi kutaa bulchiinsaa hunda kan guutate ta’uu ibsameera.
 
Rakkoolee sadarkaa sadarkaan jirun furuuf bulchiinsi magaalichaa giddugala Ispoortii ammayyaa ijaarsisaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan yeroo daawwannaa taasisan dubbataniiru.
 
Ijaarsi Istaadiyeemii kanaa harkifachuu isaa kan ibsan Injiinar Taakkalaan, hanqinoota jiran furuun ariitiin akka xumuramuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan.
Ijaarsi isaas yeroo ammaa % 70 irra ga’eera jedhame.
 
Istaadiyeemiin kun Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 14 ijaarramaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsi isaas dhaabbilee Konistiraakshinii biyya keessaan gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalichaarra argame ni muul’isa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.