Ministeerri Dhimma Alaa dippiloomatoota olaanoofi giddugaleessaaf leenjii kenna jira
Finfinne, sadaasa 10, 2015(FBC)- Ministeerri Dhimma Alaa dippiloomaatotaa olaanoofi gidduu galeessaaf hariiroo alaafi faayidaa biyyalessaarratti leenjii kennaa jira.
Leenjichi Giddugala Hooggansa Afrikaatti kennamaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Leenjichi faayidaa biyyaalessaa biyyattii kabachiisuufi imaammata alaa faayidaa biyyaalessaa biyyattii sarban haala qolachuun danda’amurratti hubannoo uumuuf kennamaa jiraachuu ibsameera.
Leenjicha kennaa kan jiran Muummee Ministiraa duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyi, Ityoophiyaanonni yaadota qoqqoodiinsaa keessaa bahuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaan guddina dinaagdeen akka biyyoota badhaadhaani ta’uu baattus, addunyaa murtoo biyyoota badhaadhaniin hogganamtu keessatti faayidaa biyyaleessa ishee kabachisuuf gahee ishee haalaan mul’isuun barbachisaadha jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna