Fana: At a Speed of Life!

Manneen daldalaa naannawaa manneen barnootaatti gochaa jeequmsa uumu raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee naannawaa manneen barnootaatti gochaalee jeequmsaa uuman raawwataaniiru kan jedhaman manneen daldalaarratti tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageeyaa Magaalattii beeksise.

Hoggantuun Biirichaa Aadde Liidiyaa Girmaa ibsa kennaaniin tarkaanfiin fudhatame naannawaa manneen barnootaa 206 aanaalee 121’tti argamanitti ta’uu dubbatan.

Manneen jimaa 194, manneen araqee 176, manneen garajii seeraan alaa 21, manneen pilaastikaa 126, manneen shiishaa 25 akkasumaas manneen daldalaa 244 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Manneen daldalaa 99 ammoo akka saamsaman taasifamuu Aadde Liidiyaan ibsaniiru.

Manneen daldalaa tarkaanfiin irratti fudhatame barattoonni sirnaan barnoota isaanii akka hinhordofne taasisuu caalaa, araadaaf akka saaxilaaman kan taasisan ta’uu himuun, tarkaanfiin fudhatamuu kan itti fufu ta’uu ragaan waajjira kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.