Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi malaanmaltummaan fudhataman mootummaan akka dhaalaman taasifamuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015(FBC)- Kurmaana jalqabaa bara 2015tti, qabeenyi Ummataa fi mootummaa malaanmaltummaan fudhataman Birrii miiliyoona 49 fi kuma 800 ol, konkolaattota lama, konteenaroonni 17 mootummaadhaan akka dhaalaman taasifamuu Ministeerri Haqaa beeksise.

Ministeerichi baatiiwwan sadan darbanitti olaantummaa seeraa kabachiisuu, qabeenyaa mootummaa fi dhuunfaa malaanmaltummaan fudhataman deebisuu fi tajaajilaa haqaa gama kennuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechuu Itti Gaafatamaan Waajjira Damechaa Obbo Barakat Maammoo ibsaniiru.

Qabeenya ummataa fi mootummaa malaanmaltumaan hataman gama deebisuun hojiilee hojjetamaniin, qabeenyi yakkamtoota yakkoota garaagaraa keessatti hirmaataanii adda baafamuun akka ugguramanii fi akka deebisan taasifamuus ibsameera.

Haaluma kanaan Birrii miiliyoona 49 fi kuma 868 fi 465 ol, konkolaattota Birri miiliyoona 2.5 baasaan lama, konteenaroonni 17 tokkoon tokkoo isaanii Doolaara kuma 7 baasaan mootummaadhaan akka dhaalaman taasifamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.