Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Miisaa’ela Baalaastikaa ardii qaxxaamuru furguggiste

Finfinnee, Sadaasa 9, 2015 (FBC)- Kooriyaan Kaabaa Miisaa’ela Baalaastikaa  ardii qaxxaamuru furguggisuu Ministeerri Ittisa Biyyaa Jaappaan beeksise.

Miisaa’elli biyyattiin guyyaa har’aa furguggiste Odola Hookaayidoo Kutaa kaaba Jaappaanitti argamturraa fageenya kiiloomeetira 210 fagaatee bishaan keessatti kufuu Muummeen Ministiraa Jaappaan Fuumiiyoo Kiishiidaan ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa Fuumiiyoo Kiishiidaan Waltajjii Tumsa Diinagdee Eeshiyaa-Paasifik Baankookitti gaggeeffamaa jiru cinaatti dhimmicharratti gaazexeessitootaaf ibsa laachuu “Japan Times” gabaaseera.

Kooriyaan Kaabaa bara faranjootaa Sadaasa 3, 2022 irra deddeebiin Miisaa’ela Baalaastikii ardii qaxxaamuran 23 furguggisuufi Kooriyaa Kibbaa dabalatee naannawichatti yaaddoo uumee turuu gabaafamuun kan yaadatamudha.

Misaaa’eloonni kunneen Ameerikaa rukuchuuf dandeettii qabaachuu ragaaleen bahaa turan ni mul’isu.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.