Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015 (FBC) – Hojiin naannoo Tigraayitti qorichaalee fi meeshaalee yaalaa dhiyeessuu cimee  itti fufuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Mootummaan dhaabbilee idil addunyaa waliin ta’uun naannichatti deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu ibbsameera.

Ministeerri Fayyaa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa waliin ta’uun Marsaa jalqabaan qorichaaleefi meeshaalee galtee yaala fayyaa lubbuu baraaruuf oolan Birrii miiliyoona 6.4tti tilmaamaman kuusaa deeggarsa namoomaa Shireetti argamu qaqqabsiisuu  ibseera.

Marsaa 2ffaanis galteewwan tajaajila yaalaa Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamaman qaqqabsiisuu himeera.

Marsaa 3ffaan ammoo qorichaalee fi meeshaaleen galtee yaalaa Birrii miiliyoona 1.7tti tilmaamamu imalchiifamuu eerameera.

Torbee kana meeshaaleen yaalaa meetirik tooniin 33.9 gama Koree Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaan magaalaa Maqalee ga’uun ibsamee ture.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.